Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti qabeenyi namoota hedduu jumlaan hidhattoota sirnichaan saamamuu jiraattotni ONMtti himan

ONM-ABO Guraandhala 13, 2024

Duulli saamichaa jabaan murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti banamee jiru jabaatee itti fufuun qabeenyaa dafqa isaa itti lolaasuun horatee yeroo nan nyaadha jedhutti hidhattoota sirnichaa naamusaa fi naasuu hin qabne leenjisanii hawaasa gidduutti bobbaasaniin uummata nagaa bakkeetti facaasuun harka namaa ilaachisaa jiru.

Kaabinoonni fi waraanni sirnichaa gochaa seenaa Oromoo keessatti takkaa raawwatamee hin beekne raawwachaa akka jiran jiraattotni himuun sagantaa uummaticha lafa irraa balleessuuf itti jiramuudhas jedhan.

Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo iddoo addaa Nooraa jedhamutti guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 11, 2024 saamichi rifaasisaan hanga uummata gandichaa qe’ee irraa buqqisuutti geggeefameera jedhu jiraattotni gandichaa ONMtti dubbatan.

Saamichii fi buqqaatiin uummata aanichaaf haaraa ta’uu baatullee kan tibbanaa garuu rifaasisaa ta’uu akeekun, qonnaan bultoota hojii qonnaa dalagachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan kan maqaan isaanii Anoo Qamixuu saawwa 3, obbo Abdulkarim Maammoo saawwa 15, obbo Malaakuu Mogaa saawwa 8, obbo Adimasuu Ayyaanaa saawwa 3, obbo Isiyaaq Ahimad saawwa 16, konkolaataa sadiin fe’atanii deemuu jiraattotni himan.

Dabaluun akka jiraattotni jedhanitti uummata gandichaa doorsisaa turuu fi uummanni saamicha jalaa hafanis waan qaban fudhatanii qe’ee fi qabeenya isaanii irraa godaanaa akka jiran dabaluun addeessan.

Exit mobile version