Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Saamichi midhaan qonnaan bultootaa irratti aanaa Begii keessatti hidhattoota sirnichaan raawwatamuu jiraattotni ONMtti himan

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Sirni cubbamaan dafqa ilmaan hiyyeessaaf garaa hin laafne bilxiginnaan gochoota uummata gadadootti hambisanii fi egeree isaaniif yaaddoo uumu Oromiyaa bakkeewwan hedduutti saamicha irratti geggeessaa jiru.

Oromiyaa keessatti gochoonni hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu uwwisa miidiyaa Addunyaa jalaa dhokachuun gaagaa’ama hamaan uummaticha irratti raawwatamaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 12, 2024 lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa keessatti hidhattoota maqaa nageenya hawaasaa eeguu jedhuun gandichatti bobbaafamaniin faallaa nageenyaa saamicha raawwachuu jiraattotni ibsuun, Ashiim Ahimed jalaa loozii kuntaalaa 40 fi midhaan gosa adda adda kuntaala 42 fi obbo Musxafaa Abduljaliil jalaa ammoo qorqorroo baallee 50 jalaa buqqifachuun mi’a mana keessaa dabalatee konkolaataa siinotiraakii tokkoon gara aanaa Gidaamii magaalaa Qellamitti fudhatanii galuu ibsan.

Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen qonnaan bultoota yoo ta’aan, hojii qonnaa irratti bobba’uun kan jiraatanii fi namoota siyaasa hin beekne ta’uus dabaluun ibsaniiru.

Guraandhala 11,2024 aanuma Begii ganda Xiilloo keessaa qonnaan bultoota hojii qonnaa dalagachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan kan maqaan isaanii Anoo Qamixuu saawwa 3, obbo Abdulkariim Maammoo saawwa 15, obbo Malaakuu Moggaa saawwa 8, obbo Adimaasuu Ayyaanaa saawwa 3, obbo Isiyaaq Ahimad saawwa 16 konkolaataa sadiin fe’atanii deemuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version