Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti saamichi qabeenya hawaasaa waraana shiftaa Abiy Ahimediin raawwatame

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Qe’een uummata Oromoo goolumsa ulfaataa keessa seenuun bara bulchiinsa Kolonel Abiy namuu jiraachuuf hojjechuun dirqama waan ta’eef yeroo uummanni hojjetee nyaachuuf callaa isaa galfatu dafqi isaa waraana sirnichaan harkaa saamamuun harka namaa ilaaluf dirqamanii jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 6, 2024 waraanni murna faashistii PP Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Biqiltuu Abootee fi Gaara Kormaa keessatti saamicha midhaan qonnaan bultoota irratti raawwatanii jiru.

Obbo Nabiyyuu Takkaalenyii jalaa midhaan nyaataa kuntaala 25 fi buna yoo saaman, obbo Muusaa Abdiisaa jalaayis midhaan nyaataa kuntaala 15 fi isaa ol akka saaman jiraattotni ONMtti himaniiru.

Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an hojii qonnaa dalaguun kan jiraatanii fi akkasuma ijoollee isaanii barsifatan malee namoota siyaasa keessaa harka hin qabneedhas jedhan.

Oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummanni Oromoo rakkoo akkaan ulfaataa keessa galanii jiraachuu fi ergereen isaaniis yaaddessuu yeroo hedduu irra deddeebiin jiraattotni bakkeewwan adda addaa irraa yaada isaanii ONMf himaniiru.

Exit mobile version