ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Bilxiginnaan uummata Oromoo tumsa dhorkachuun addunyaa siyaasaa keessaa baasee maqaa bulchiinsa dimookiraatawaa jedhu da’oo godhatee sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu hammeessee jira.
Humni cunqursaas akka cimaa deemeen, dhumaatii fi hiraarfamni daran jabaatee diddaa siyaasaa Oromoo dhaamsuuf murna bilxiginnaan duulli labsamee manneen gubuu, namoota hidhuu, saamuu fi ajjeesuun bartee ta’ee guyya guyyaan raawwachaa jira.
Akka kanaanis Waxabajji 19, 2024 irraa kaasee guyyaa lamaaf manneen gubaatiin godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Burqaa Dambal keessatti walakeessa halkanii qabee hanga ganamaatti raawwatamaa akka ture himameera.
Namoonni manneen jalaa gubates maqaan isaanii: Obbo Caalaa Kurfaa, Obbo Boruu Horaa, Qeerransoo Roobaa fi Tonkoluu Daadhii kanneen jedhaman ogguu ta’an, Obbo Caalaa fi Boruu jalaa halkan sa’a lamarra irratti yoo guban, Obbo Qererransoo fi Tonkoluu ammoo ganama sa’a sadii irratti akka guban maddeen gabaasan.
Dabalataanis Waxabajjii 17 fi 18, 2024 ganda Daraaraa Daalachaa keessaa Obbo Aabee Tufaa, Obbo Baatii Beenyaa fi Aabbuu Buttaa jalaa mana qabeenya keessa jiru waliin gubuun kan barbadeessan yoo ta’u, Obbo Kurfaa Guddataa jalaa horii saamuunii fi dargaggoo Aabbuu Jimaa jalaa ammoo dukkaana cabsuun qabeenya keessa jiru guutuu saamanii deemuun ifoomeera.
Jiraattonni manneen jalaa gubate maatii isaanii waliin rakkoo ulfaataa argaa kan jiran yoo ta’u, qodaa tokko osoo hin baafatin manneen jalaa gubatee barbadaa’uun maatiin bakkeetti faca’ee akka jiru maddeen ONM’tti himaniiru.

