Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Sirni abbaa irree uummata miidhuu fi barcuma aangoo   isaa malee kan uummataaf hin yaanne hacuuccaa fi duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti xiyyeeffatee garbummaa hiriyaa hin qabneen bilxiginnaan Oromiyaa goleewwan hunda keessatti raawwachaa jiru ammas itti fufuun manneen hawaasaa ibiddaan gubee barbedeessuu gara jabeenyaan guutameen hojii suukkanneessaa isaa itti fufuun uummata mana malee hambisaa jira. 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessatti kaleessa jechuun  Waxabajjii 7, 2024 waraanni faashistii Abiy Ahimed ganama gara sanatti bobbaafamuun manneen hawaasaa 10 ol ibiddaan gubuu jiraattonni naannoo sanaa ONM’tti himaniiru.

Hawaasni naannichaa waqtii roobaa kanaan mukeen jalatti roobni itti roobaa jiraachuu fi uffanni halkanii illee mana waliin waraana goolessaa bilxiginnaan jalaa gubachuun daa’imman xixiqqoon qorraa fi dhibeen harkatti miidhamaa akka jiran jiraattonni kun himu.

Namoota manni jalaa gubate muraasni maqaan isaanii :- Badhaasaa Guutaa kan jedhamu duraanis manneen 3 jalaa gubuun ammas mana 2 jalaa gubanii jiru. Namootni biroon  Machii Jaarsoo fi jaarsoo Holee yoo ta’an, ganda Koyyee Jajjabaa keessattis Waxabajjii 3, 2024 nama maqaan isaa Obbo Daadhii Hurbuu jedhamu jalaas waraanni goolessaan bilxiginnaa kun mana jalaa akka gubanii turan jiraattotni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru .

Gocha waraanni bilxiginnaa ilaalcha namummaan ala diinummaa raawwachaa jiru kanatti kan aaran jiraattonni,  bilxiginnaa irraa abdii kutannee jirra waraana keenya WBO  cinaa ni hiriirra, carraa nuti qabnu hidhannee garbummaa hiriyaa hin qabne kan biilxiginnaan uummata Oromoo irratti diriiree jiru kana ofirraa kaasuu qabna jechuun dhaammataniiru.

Exit mobile version