Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti loltoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaa qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan ga’uu cimsee itti fufee jira. 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Kalaalaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 27, 2024 waraanni nama nyaataan impaayerattii nama Abbaa Guyyee jedhamuun beekamu jalaa badii tokko malee mana 2 kan keessa jiraatanii fi kan keessatti nyaata qopheeffatan meeshaalee manaa hunda waliin ibiddaan gubanii barbadeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Sababa tokko malee lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan yakkuun qe’ee fi qabeenya isaa irratti jibbuun yakkanii dararaa ulfaataa irratti geggeessuu itti fufuun abbaa Guyyee jalaa maqaa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun jalaa gubanii jiru. Aanicha keessatti rakkoowwan wal fakkaatoon irra deddeebiin uummata irratti raawwachaa kan jiran ta’uun itti dabalamuun ibsameera.

Exit mobile version