ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu kan dadhabe waraanni faashistii PP, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa meesha-maleeyyii maqaa isaan hin beekne itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’eef qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuu itti fufee jira.
Onkoloolessa 15, 2024 aanaa Sibuu Siree ganda Sooyyee jedhamu keessaa nama maqaan isaa obbo Bantii Wadaajoo jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.
Aanichuma ganda Baddeessaa jedhamu irraa Onkoloolessa 7, 2024 ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun namoota maqaan isaanii:
- Baay’isaa Dhugaasaa fi
- Baacaa Alamaayyoo kanneen jedhaman
akkasumas ganda Burqaa Xaaloo jedhamu irraa ammoo nama maqaan isaa Tarreessaa Taakkalaa jedhamu obboleessa keetu miseensa WBO’ti jechuun sababa tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu irraa Onkoloolessa 15, 2024 waraanni sirnichaa nama saddeet ta’uun Doqdoqqee yaabanii dhaqanii nama maqaan isaa Darajjee Tasfaa Raggaasaa jedhamu “Piistoo qabda” jechuun badii tokko malee hidhanii kan jiran yoo ta’u, aanichuma ganda Hora Waataa jedhamu irraa Onkoloolessa 17, 2024 mucaa keetu miseensa WBO’ti jechuun dubartii maqaan ishee Aadde Alamiituu Amantee jedhamtu jalaa qabeenya mana keessa jiru guutummaa bakkeetti gadi baasanii mana ishee ibiddaan barbadeessanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

