Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee akka: Leeqaa Dullachaa, Sibuu Siree fi Nuunnuu Qumbaatti hidhaa fi reebichi Waraana PP’n hawaasa nagaa irratti geggeeffamu akkuma itti fufetti jira

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruun ji’oota hedduuf murtii tokko malee hidhuu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Waamaa Sifaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti naqanii dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, namoota maqaan isaanii: Birraatuu Dhangi’aa, Obbo Fiqaaduu, Obbo Zawudee fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun torban darbe keessa waajjira poolisiitti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM’f eeree jira.

Oduuma wal fakkaatuun, aanaa Sibuu Siree ganda Adda Buukee jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed Amajjii 2, 2025 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Ayyaanaa Tafarii,
  2. Zalaalem Mitikkuu fi
  3. Fayisaa Qorichaa 

kanneen jedhaman qabanii harka duubatti hidhuun dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachuun uleedhaan reebicha hamaa irraan gahanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruu jedhamu irraa lukkeeleen faashistii PP “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun torban tokko dura namoota:

  1. Tuuchoo Hordofaa,
  2. Malkaamuu Taarikuu,
  3. Mootii Yaadasaa, 
  4. Taarikuu Gurmeessaa fi 

kanneen biroo hedduu ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanichaatti geessuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataa gandichaa kan ta’e dargaggoon akka maqaan isaa xuqamu hin feene ONM’f eeree jira.

Exit mobile version