Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Leeqaa Dullachaa fi Guutoo Giddaatti waraanni maafiyaan Abiy Ahimed lammiilee nagaa hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Boolloo iddoo addaa Waamaa Siifaa jedhamu keessaa Amajjii 2, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Birraatuu Dhangi’aa,
  2. Biraanuu Bantii,
  3. Taaffasaa Fodee,
  4. Biraanuu Lammeessaa fi
  5. Obsaa Makuraa 

kanneen jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, godinichuma aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa irraa Amajjii 4, 2025 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Aadde Eebbisee Taaddasaa,
  2. Miratee Bulii fi
  3. Boontuu Abirahaam 

kanneen jedhaman sababa tokko malee hidhanii jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi addatti ammoo Aadde Eebbisee Taaddasaa kan jedhamtu maqaa “obboleessa kee bosona jiruuf bilbiltee odeessa kennita” jedhuun daa’ima dhiiga baatii 6 irraa qabanii hidhuun, wayita namoonni ollaa daa’ima ishee mana hidhaatti itti geessan “fuudhaa deemaa” jechuun ari’anii jiru. Kana malees dukkaana ishees saamsanii kan deeman ta’uu itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version