ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024
Waraanni bilxiginnaa golee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’an hawaasa nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuu itti fufanii jiru.
Bifuma kanaanis, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen eeran.
Aanaa Saasiggaa ganda Bareeda Sooromaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 4, 2024 waraanni sirnichaa nama maqaan isaa Adimaasuu Caalii jedhamu jalaa badii tokko malee qotiyyoo gabbataa tokko ooffatanii fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, namni kun deggeraa siyaasa dhaaba kamii akka hin taane himuun, loltoonni PP kun tarkaanfii laalessaa guyyuma kana gandicha keessatti gootichi WBO irratti fudhatee adabeen booda saamanii kan deeman ta’uu dubbatu.
Godinichuma aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee mana hidhaatti guuruu hojii idilee isaa kan taasifate murni bilxiginnaa Fulbaana 30, 2024 ganda Boolloo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Takkaalliny Bantii,
- Abduu Kadir fi
- Dargaggoo Gammachuu Baalchaa kanneen jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun onichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

