Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaa fi Guutoo Giddaatti reebicha, saamichaa fi hidhaan jiraattota irratti raawwatame

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Impaayerri aantummaa sabaa fi mararfannaa namootaaf hin qabne Itiyoophiyaan, abbootii irree bara dhufaa darbaan biyyattii bulchaniin seenaa fokkisaa himuuf nama qaanessu raawwachuun beekamti.

Uummanni Oromoo kolonii isaanii jalatti kufuun, saamamuu, dhiiittaa mirgoota namoomaaf saaxilamuu, ajjeechaa, hidhaa, manneen isaa gubachuu fi reebichaan gidirfamaa hanga har’aatti waanjoon gabrummaa qolee isaa irraa osoo hin buune rakkoo hamtuu keessummeessaa jira. Sadaasa 3, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaatti jiraataa gandichaa hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’e waraanni faashistiin PP reebicha jabaa irratti taasisuun loon 4 jalaa ooffachuun ibsameera.

Abbaan qabeenyaan jalaa saamame kunis maqan isaa Abdii Ibraahim kan jedhamu ogguu ta’u, jiraataa ganda Horoo akka ta’es jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Maatiin qotee bultootaa akka guutuu Oromiyaatti kaffaltii gibiraan dararamuu, hidhata WBO qabduun ajjeefamuu, hojii loojistikii hojjetta maqaa jedhuun daandii irraa guuramuun hidhamuu fi mooraa leenjii waraana sirnichaattis ergamuun rakkoo ulfaataa sabni Oromoo yeroo ammaa keessummeessaa jiruu dha.

Oduu hidhaan wal-qabatuun ammoo  aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu irraa Sadaasa 4, 2024 loltoonni bilxiginnaa uummata Oromoo ittiin dararuu qofaaf qawwee baatan dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Dassaalee Asaffaa fi Darajjee Asaffaa jedhaman ganduma kana bakka addaa Korommii jedhamuu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira Poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07’tti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen obbolaa ilmaan abbaa tokkoo kan ta’anii fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa kan jiranii fi yeroo ammaa kanas aanicha keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun bobbaate dararaa ulfaataa fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa hawaasa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version