Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa  keessatti hidhaa, saamichaa fi namoota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun bilxiginnaa sababoota garaa garaa itti maxxansuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuu, reebuu fi dararaa hamaa irraan gahuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaatti jiraattota badii tokko malee saamuu fi reebuun cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, ganda Qorkee jedhamu irraa Sadaasa 4, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdii Ibraahim jedhamu badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun loon inni qabu hunda jalaa ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, gandoota aanichaa hunda keessatti saamichi haala duraan barameen olitti hawaasa irratti hammaachuun yeroo ammaa maqaa “deggersa milishaa” jedhuun qarshii dhibba saddeet saddeet guuraa kan jiran yoo ta’u, jiraattonni rakkoo hamaa keessa galanii jiraachuun ibsameera.

Sirnichi duula duguuggaa sanyii labsuun aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Alaltuu jedhamutti Sadaasa 6, 2024 irraa eegalee hanga Sadaasa 8, 2024’tti guyyaa sadiif kan turu leenjiin maqaa nageenyaa fi misooma sobaan kuulame ergamtoota sirnichaan dirqamaan jiraattota hundaaf kennamaa kan jiru ta’uu hirmaattota leenjichaa keessaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaa kennee jira.

Akka leenji’aan kun jedhetti,  leenjii guyyaa sadii jechuun namni tokko akka hin hafne dirqamsiisaa kan jiranii fi namni guyyaa tokkoof leenjii kana irraa hafe qarshii 500 adabamaa jiraachuu himuun, wayita roobni caamee hawaasni oomisha gannaa sassaabbachuuf karoorsee jirutti ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa Leenjii jedhuun gadi ba’uun leenjii kaayyoon isaa namaaf hin liqimfamneen uummata afaan gogsaa jiraachuu ibse.

Kana malees magaalichatti yeroo ammaa maqaa Leenjii gaachana sirnaa jedhuunis jiraattonni hedduun humnaan ukkaamfamuun leenji’aa kan jiran ta’uu fi hidhamtoonni hedduunis baatii dheeraaf gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuus  itti dabaluun ibseera.

Exit mobile version