Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti jiraattota hidhuu, saamuu fi reebuun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa teessoo siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman dantaa dhuunfaa fi garaa isaanii guuttachuuf jecha hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun miidhaa garaa garaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Saasiggaa ganda Lalistuu Odaa jedhamu irraa Sadaasa 13, 2024 namoota maqaan isaanii:           

  1. Fiqiraalem Waaqjedhaa,
  2. Maatiwoos Olaanii fi       
  3. Boonaa Biraanuu jedhaman badii tokko malee waraanni sirnichaa ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan. 

Kana malees aanichumaa jiraataa ganda Bareedduu Baloo kan ta’e nama maqaan isaa Yaasin Abdallaa jedhamu jalaa guyyuma kana tiraakterii qonnaa fudhachuun gara bulchiinsa magaalaa Baaloo geeffatanii jiru. Nama maqaan isaa Mangistuu jedhamu ammoo tiraakterii jalaa fudhatanii oofii gara mooraa waraanaa nuuf geessi jechuun wayita inni hin beeku jedhu reebicha hamaa irraan gahanii kan deeman. Dabalataan Obbo Mahaammad Bakaree namni jedhamu yeroo darbe boqochuun maatiin isaa osoo gadda irra jiranii mana isaanii deemuun biddeena gaddaa hawaasni ollaa geesseef humnaan nyaatanii namoota hedduus reebicha ulfaataa reebanii deemuun ibsameera.

Akkasumas, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa torban darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Misgaanuu Waaqtolee jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii magaalaa Ukkeetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version