Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanota garaa garaa keessatti namoota hidhuu fi manneen gubuun hidhattoota murna PP’n jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Egeree uummata Oromoo rakkinaa fi gadadootti hambisuuf murni abdii murataan impaayerattii of harkaa qabna jedhan kutatanii ka’uun hidhaa jumlaa fi gubaatii manneen qonnaan bultootaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Nageenya hawaasa nagaa booressuun burjaajii hamaa keessa galchee maqaa uummanni hin qabneen gochoota dabaa raawwatu jabeessee itti fufee jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, godina Arsii Bahaa  aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaatti Sadaasa 12, 2024 ijoollee shamarranii halkan mana isaanii irra deemuun maatii biraa qabanii mana hidhaatti naquu jiraattonni himan.

Shammarran kanneen keessaa kan maqaa arganne:

1. Aayittii Huseen Maammaa

2. Daraartuu Sheek Abdallaa

3. Saartuu Sheek Abdallaa

4. Ruuziyaa Ziyaad Hawaas kanneen  jedhamaniidha. 

Haaluma wal fakkatuun Sadaasa 12, 2024 godinichuma aanaa Muuneessaa ganda Shuunee iddoo addaa Gaara Kaakkaa jedhamu keessatti waraanni  PP toora sanatti bobba’uun hawaasa irratti qawwee dhukaasuun manaa baqachiisanii ofii isaaniitii ammoo mana hawaasa keessa deemuun qabeenya guutuu saamanii mana Obbo Gurree Finqilaa 5 meeshaa guutuu wajjin  abiddaan barbadeessanii deemuu jiraattonni ibsaniiru. 

Exit mobile version