ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Adoolessa 4, 2025 aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubboo iddoo addaa Haroo jedhamu keessaa loltootni impaayerattii namoota maqaan isaanii:
- Daalee Teessee,
- Gaashee Buuduu fi
- Hanbasaa Fuusaa
jedhaman maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun mana isaanii keessaa qabanii deeman.
Adoolessa 5, 2025 ammoo nama maqaan isaa Obbo Dhaabii Bariisaa Ukaa jedhamu dhalataadhuma ganda kanaa kan ta’e mana isaa keessaa ari’uun namoota qabanii of harkaa qaban sadeen mana isaatti ol galchanii balbala itti cufuun abidda manatti qabsiisuun osoo manni irraa gubachaa jiruu bokkaan roobuun lubbuu isaanii yoo oolchu, loltootni kunneen “erga hin duunee koottaa nutu rasaasaan isin ajjeesaa jechuun garmalee reebanii qaama isaanii caccabsuun hanga guyyaa Adoolessa 5, 2025’tti qabatanii ittiin deemaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.
Ittuma fufuun, loltootni kunneen maqaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo sakattaana jedhuun Arsiidhuma Bahaa aanaa Roobee Diida’a ganda Jeenaa Gadamsaa keessatti bobba’uun qabeenya hawaasaa saamaa fi namoota reebaa turan.
Namoota qabeenyaan isaanii jalaa saamame keessaa kanneen maqaan nu ga’e muraasni:
Muusaa Abdallaa,
- Turee Badhaasoo,
- Yaasiin Siraaji fi
- Amanoo Saanoo
kanneen jedhaman jalaa re’oota torbaa fi meeshaalee mana keessaa hedduu jalaa fudhatanii deemuu jiraattonni aanicha irraa dubbisne dabaluun ifoomsan.

