Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa fi Lixaa keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa dhorkuu akkuma itti fufetti jira 

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Sirni bututtuun diigamaa jirtu impaayerri Itiyoopiyaa uummata of harkatti qabatee kufuuf jecha gochoota garaa garaa raawwataa kan jiru yoo ta’u,  ji’a darbe Waxabajjii 5,2025 Arsii Bahaa aanaa Boqojjii ganda Leemmuu Mirxii irraa dargaggoo Ahimad Boggaalaa jedhamu mana isaatii butanii waajjira poolisii magaalaa Boqojjiitti murtii tokko malee maqaa hariiroo WBO qabda jedhu qofaan dararaa garaa garaa irratti raawwataa jiru. 

Kana malees aanaadhuma kana keessatti konkolaataan magaalaa Boqojjii irraa magaalaa Leemmuu Mirxii geessu duraan maallaqa 50 qofaan uummata fe’ee deemaa kan ture amma immoo qarshii 200 hanga 300’tti uummata irraa guuraa kan jiru yo ta’u, uummatni hedduun isaa waan kaffalu dhabee miillaan imaluu irraa kan ka’e miidhaan garaa garaa irratti raawwataa jira.

Ittuma fufuun Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Amba Godaa Sadee iddoo addaa Gichee jedhamu keessatti loltootni PP tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo Adoolessa 19, 2025 irratti fudhate haaloo uummatatti bahuuf jecha uummata nagaa jireenya isaa gaggeeffataa jiru ajjeesuu fi namoota hedduu jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuraa jiru.

Haaluma kanaan Barsiisaa maqaan isaa Kadir Ukii Usiiyyoo jedhamu osoo inni ooyiruu  isaa qotataa jiruu iddoo qonnaatii qabuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun bakkeetti gatanii biraa deemuun, namoota hedduu kan ooyiruu isaa irraa hojjetaa jiranii fi loon isaanii ooffachuun mooraa waraanaatti galchanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, namoota kanneen keessaa kan maqaan nu gahe:

  1. Quufaa Sadee, 
  2. Baqqalaa Quufaa fi 
  3. Baffaa Tufaa 

hedduu reebanii qaama isaaniis miidhuun yaala akka hin arganne dhorkanii dararaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dabaluun eeran.

Exit mobile version