Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtootni Bilxiginnaa Arsii Bahaa aanaalee garaa garaa keessatti uummata dararuu hammeessuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas keessatti shiftootni Bilxiginnaan qawwee itti hidhuun uummata keessa bobbaase loltootni PP, Muddee 18, 2025 namoota hedduu qe’ee isaanii keessaa qabuun mana hidhaatti guuranii garmalee reebaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru. 

Namoota haala kanaan qabamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Abbaattee Haaji  Qaasuu,
  2. Abbiruu Haaji Waasuu,
  3. Jamaal Nuurseen, 
  4. Gabbii Dhaddachaa fi 

namoota maqaan nu hin qaqqabin hedduu ta’uun ibsameera. 

Oduu biroon immoo, godinichuma aanaa Leemmuu fi Bulbuloo magaalaa Boqojjii keessatti murni Bilxiginnaa maqaa gibira, deggersa raayyaa ittisa Itoophiyaa fi nyaata milishaa jedhuun maallaqa humnaa olii hawaasa irraa guuraa jiraachuun ifoomeera.

Haaluma kanaan, loltootni Bilxiginnaa kunneen magaalaa Boqojjii keessatti ji’a tokko tokkoon manneen jiraattotaa irra imaluun qarshii 10,000 hawaasa irraa guuruu fi yeroo maatii manaa dhaban ijoollee xixiqqoo mana hidhaatti guuruun maallaqa 10,000 irraa fudhatanii hidhaa irraa yaasaa akka jiran jiraattonni ibsaniiru.

Akkasumas, Muddee 9, 2025 irraa kaasee hanga gabaasaan kun qindaa’utti nyaataa fi dhugaatii milishaa, deggersa raayyaa ittisa  jechuun qarshii 5000- 10,000 dirqisiisanii funaanaa akka jiran gabaasaan nu qaqqabe ni addeessa.

Taateen kun yeroo ammaa kana qofa kan raawwatame osoo hin taane ji’a tokko tokkoon deddeebiidhaan kan mul’atuu fi guyyaa gabaa magaalicha keessa socho’uun hawaasa gandoota baadiyaa irraa dhufan hunda maallaqa hanga barbaadan gaafachuun irraa guuraa kan turan ta’uun jiraattonni ibsaniiru.

Exit mobile version