ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Murni garboomfataan Bilxiginnaa Itiyoophiyaa bulchaa jiru uummata harka duwwaatti waraana bobbaasuun halkanii fi guyyaa adamsee mana keessa jiraachuu dhorkuun uummata rasaasa itti roobsee bosonatti baqachiisuun qorraa fi aduun waadee akkasumas beelaaf saaxiluun rakkoo hamaatti uummata galchee jiraachuu jiraattoonni ni dubbatu.
Onkoloolessa 25, 2024 aanaa Martii ganda Hombaa jedhamu keessatti waraanni duguuggaa sanyii dhala namaatiif deeman ergamtootni Abiy Ahimed hawaasa guutuutti dhuukaasa baanuun qeerroo maqaan isaa Ijaaraa Alamuu jedhamu rasaasaan rukutanii madeessuun ergasii booda yaalas dhorkatanii dhiigni hedduun irraa dhangala’aa waan tureef hedduu miidhamee jira jechuun jiraattonni dubbatanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun Onkoloolessa 24 fi 25, 2024 aanaa Sirkaa ganda Gaallabee Buusaa, Wajii Raphaasaa fi Biduu Hulul keessatti waraanni Bilxiginnaan bobbaafamee gandicha ture hawaasa irratti qawwee dhukkaasuun erga hawaasni manaa baqatee booda qabeenya isaanii guutuu saamuu himan.
Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen kan maqaan nu gahe:
- Abduljaliil Umar Fatoo jalaa re’ee 1,
- Habee Haaji Abdullaahi jalaa re’ee 1,
- Jamaal Qaadii jalaa re’ee 3,
- Kadiir Haaji Toree jalaa re’ee 4 yoo fudhatan,
- Haaji Sulxii Tukkee jalaa Uffata fuudhanii ibiddaan guban.
Nama maqaan isaa Abdulwaahid Haaji Saffee jedhamu jalaa maallaqa qarshii 15,000 mana isaa keessaa fudhatanii jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Ittuma fufuun aanaa Roobee gandoota hedduu keessatti waraanni Bilxigginnaa uummata nagaatti qawwee dhukaasuun mana keessaa wareersanii baqachiisaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 25, 2024 aanaadhuma Roobee ganda Qillisaa Dambal keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun aanicha irraa bobbaatee ganda irra qubachuun mana hawaasaa keessa deemanii nyaataa fi dhugaatii akkasumas ashaboo, barbaree, sukkaara, buna, saamunaa fi meeshaalee nyaata irratti dhiheeffatan gurraachuun lafa tika horii deemuun re’oota hedduu hawaasa jalaa qalachuun barameera.
Namoota horiin isaanii jalaa qalame keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Ibraahim Sanni jalaa re’ee 2,
- Siraaj Manzaa jalaa re’ee 1,
- Sheek Sufiyaan Manzaa jalaa re’ee 1,
- Hasaan Manzaa jalaa re’ee 1,
- Jawaar Huseen jalaa re’ee 1 fi gaagura dammaa tokko muka gubbaa buusanii damma erga keessaa nyaatanii booda gaagurichas caccabsitee jirti jedhu jiraattonni aanicha irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise.

