Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjii fi Baabboo Gambeel keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Waraanni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaafamanis, haleellaa fi tarkaanfii guyyuun gootichi WBO irratti fudhatu dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa meesha maleeyyii ta’an irratti haaloo ba’uu fi yakkoota garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii fi Baabboo Gambeel keessatti ergamtoonni bilxiginnaa uummata nagaa mana hidhaatti guuruun dararaa jiraachuun ibsamee jira.

Onkoloolessa 13, 2024 waraanni goolessaan PP aanaa Boojjii Birmajjii ganda Hidhabuu Xobbii jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Habtaamuu Likkaasaa fi
  2. Abbayyaa Oliiqaa jedhaman badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa qabuun waajjira poolisii magaalaa Biilaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, godinichuma aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamota Mana Jaartee jedhamu keessaa  Onkoloolessa 18, 2024 waraanni sirnichaa nama maqaan isaa obbo Mangistuu Tashoomaa jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Akka jiraattotni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa qaama kamiyyuu kan hin qabne ta’uu ibsuun, ergamtoonni gara jabeeyyiin kun maqaa ijoollee keessantu “miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu himaniiru.

Exit mobile version