ONM-ABO Muddee 17, 2024
Goleewwan Oromiyaa mara keessatti ergamtoonni sirna nama nyaataan PP maqaa garaa garaa itti maxxansuun guyyuu dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Boojjii Birmajjii ganda Inimaayii Boolii jedhamu keessaa Muddee 10, 2024 ergamtoonni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu amaleeffatan nama maqaan isaa Margaa Indaaluu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa erga ajjeesanii booda qarshii kuma jaatamaa 60,000 fi Meetii giraama kudhanis irraa fudhachuu dubbatu.
Godinuma kana aanaa Najjoo keessattis ajjeechaan lammiilee nagaa irratti loltoota Bilxiginnaan raawwatu jabaachuun, ganda Giddaa Buruusoo jedhamu keessaa guyyaadhuma walfakkaataa Muddee 10, 2024 jiraattota maqaan isaanii Daawwit Baaruu fi Lammii Indaaluu jedhamanis waraanni sirnichaa sababa tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

