ONM-ABO Muddee 19, 2024
Nama nagaa dararuun gootummaa jabaa kan itti fakkaatu ergamtoonni murni PP humnaa fi aangoo qabanitti fayyadamuun yeroo fedhanitti afaan qawwee fayyadamuun ilmaan Oromoo balleessaa isaanii malee maqaa uummanni quba hin qabne itti maxxansuun gochoota hamminaa garaa garaa irratti raawwachaa jiru.
Oromiyaa bakkoota addaa addaa keessatti duguugiinsa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa kan jiran ergamtoonni sirnichaa waan deemaniif akkasumas waan lolaniif kan hin beekne ajaja qaama isaanii olii hordofuun guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuu, ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabanii achi buutee dhabamsiisuu jiruu idilee isaanii godhatanii jiraachuun kan beekamuudha.
Muddee 16, 2024 magaalaa Askoo keessatti galgala irraa nama maqaan isaa Margaa Tamasgeen jedhamu balleessaa fi gaaffii seeraa tokko malee butuun qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

