• Sat. Jan 3rd, 2026

Finfinnee kutaalee magaalichaa garaa garaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa namoota ukkaamsuun hidhuu jabeessanii jiru

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Nama nagaa dararuun gootummaa jabaa kan itti fakkaatu ergamtoonni murni PP humnaa fi aangoo qabanitti fayyadamuun yeroo fedhanitti afaan qawwee fayyadamuun ilmaan Oromoo balleessaa isaanii malee maqaa uummanni quba hin qabne itti maxxansuun gochoota hamminaa garaa garaa irratti raawwachaa jiru.

Oromiyaa bakkoota addaa addaa keessatti duguugiinsa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa kan jiran ergamtoonni sirnichaa waan deemaniif akkasumas waan lolaniif kan hin beekne ajaja qaama isaanii olii hordofuun guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuu, ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabanii achi buutee dhabamsiisuu jiruu idilee isaanii godhatanii jiraachuun kan beekamuudha.

Muddee 16, 2024 magaalaa Askoo keessatti galgala irraa nama maqaan isaa Margaa Tamasgeen jedhamu balleessaa fi gaaffii seeraa tokko malee butuun qajeelcha  poolisii magaalaa Buraayyuutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading