Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hiriirri mormii taatee godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti Dargaggoo Darajjee Amaaree irratti raawwatee fi hiraarfamuu uummata Oromoo irratti ta’aa jiru sababeeffachuun ba’ame har’as itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Warreen dhiiga Qeerroo fi Qarree kumaatamaan dhangala’e butuun aangootti ol ba’an tooftaa ittiin sabaa fi saba walitti buusan tolfachuun akka aangoo isaanii tikfachuun toluufitti mijeeffachuun nagaa hawaasaa irraa dantaa kan hin qabne finxaaleeyyota Amaaraa Faannoo itti bobbaasuun ajjeesisaa karaa biraan ammoo waraana isaa uummata nagaatti ramadee buqqaasaa jira.

Bu’uuruma kanaan gochaan godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraa keessatti finxaaleeyyonni Amaaraa Faannoon dargaggoo Darajjee Amaaree dabalatee uummata Oromoo nagaa ciibsanii qalaa jiranii fi uummaticha buqqisaa jiran gidduu kana dubbii ijoo miidiyaalee hawwaasaa ta’uun, hiriira mormii sadaasa 21, 2024 barattootni Yuniversitoota addaa addaa irraa dhoosuun sagalee isaanii dhagassifachaa turan har’allee itti fufee jira.

Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo qkaleessa Sadaasa 21, 2024 galgala baaseen karaa hunda haammateen sadaasa 22, 2024 akka itti fufu kan jedhu dhaga’uun barattoonni Yuuniversitiilee hafan kanneen akka Dambi Dolloo fi Barattootni sadarkaa barnoota sadarkaa 2’ffaa irra jiran dabalatee ba’aa jiraniin dhaadannoolee jajjaboo dhageessisaa turuun dhagaa’ameera.

Mana Barumsaa Sadarkaa 2’ffaa Kumaalaa Jaatanii Alii godina Booranaa keessa jiru keessattis guyyuma har’aa barattootni sagalee uummata Oromoo ta’uun, murna Bilxiginnaa balaaleffachaa turaniiru.

Qeerroo fi Qarreen ijaa fi gurra biyya isaanii ta’an kun aarsaa gurguddaa kaffalaa kan turanii fi har’allee kaffalaa kan jiran ajjeefamuu fi hidhamuun kan isaan hin daangessine hiriira kana irratti dhaadannoolee akka Abiy Ajjeesaadha, kan nu fixaa jiru bilxiginnaadha, Abiy fi Shimallis aangoo irraa haa bu’an, ajjeefamuun nu ga’a, bara bilxiginnaa kana keessa qulqullinni barnootaa hin jiru, dinagdeen kufaadha, WBO haa jabeeffannu fi dhaadannoolee garaa garaa dhadachaa turanii jiru.

Exit mobile version