Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti tiksitoonni barcuma abbaa irree impaayerattii meeshaa waraanaa gurguddaa hawaasa irratti dhukaasuun namoota nagaa madeessuun hidhaas raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Manqaataa Waarihoo bakka addaa Dirree jedhamutti hidhattoonni koloneel Abiy Ahimediin durfaman Adoolessa 7, 2025 uummata hojii isaatti bobba’ee ooyiruu isaa keessatti argamu irratti meeshaa waraanaa gurguddaa Zu 23 fi moortara itti dhukaasuun namoota nagaa 4 irratti madoo ulfaataa raawwachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Namoonni madaa’an kunneen maqaan isaanii:

  1. Muluu Gaarradoo,
  2. Ayinaalem Jamaaluu,
  3. Taaddalee Muluu,
  4. Naggasaa Muluu 

kanneen jedhaman oggaa ta’an, ganda Manqaataa Waariyoo keessatti jiraattota maatii mana tokkoo kan ergamtoonni sirnichaa uummata ooyiruu isaa keessaa hojii hojjetatu ta’uu osoo arganii itti dhukaasanii madeessaniidha. Yeroo ammaa namoonni lama Muluu Garradoo fi Taaddalee Muluu kanneen jedhaman madoo ulfaataa irratti raawwateef haalli fayyummaa isaanii akkaan yaaddessaa ta’uu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo ganda Bachoo Waajiituu irraa:

  1. Siraaj Ababuu,
  2. Borii Fayyee,
  3. Kamaal Getahuun,

Ganda Iluu wayyuu irraa:

  1. Felleqee Bashiir,
  2. Abbuu Amaaree,

Ganda Baabuu Dirree irraa:

  1. Maangisutu Addaamuu,
  2. Assaaffaa Galataa,
  3. Musxafaa Abbuu,

Ganda Harboo Dassoo irraa:

  1. Kadiir Shumee,
  2. Ayyaaleew Assaaffaa,
  3. Umaaree Usmaan, 

Ganda Iluu Godaa-Caffee irraa:

  1. Abbuu Bogalee,
  2. Amanuu Taajuu,
  3. Mayidii Ibraahim,

Ganda Karraa Miixii Koraa irraa:

  1. Awaluu Shiittaa, 
  2. Seexeny Assaaffaa,
  3. Siraaj Muhaabaa,

Ganda Godiimaa Sossorkaa irraa:

  1. Sayid Husseen, 
  2. Muhammed Husseen,
  3. Zaraafa Muhammed,

Ganda Bayyoo noonnoo irraa:

  1. Abduu Hasaan,
  2. Muhammed Siraaj,
  3. Taddeessee Yasiin, 

Ganda Kaabii Gololchaa irraa:

  1. Ayyaaleew Galataa,

Ganda Addis Alaam Ayyaaleew irraa:

  1. Musxafaa Arraadoo

Ganda Manqaata Waariyoo irraa:

  1. Abbuu Walee

Ganda Ada’aa Malkee irraa:

  1. Sintaayyoo Balaaxxa 

Magaala Adaree 03 irraa:

  1. Jamaal Indiree,
  2. Taddeesse Yazoo, 

Magaala Adaree 01 irraa:

  1. Nugusee Abaajee,
  2. Geetoo Abaajee,
  3. Muhee Alii fi 

kanneen baay’inaan 200 ol ta’an hidhuun hiraarsaa akka jiran ibsameera.

Qe’ee ilmaan Oromootti gaddaa fi gadadoo uwwisaa kan oolan ergamtoonni murna Bilxiginnaa, qaama hidhatee isaan lolu baqatanii golatti dheessuun balleessaa tokko malee hawaasa nagaatti deebi’anii yakkoota farra dhala namaa ta’e kan akka gubaatii manneenii, ajjechaa bifa garaa garaa fi hidhaa jumlaa raawwachaa jiru.

Exit mobile version