ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Humnaa fi meeshaa qabuun jiruu fi jireenya uummata Oromoo barbadeessaa kan oolu Bilxiginnaan yeroo garaa garaatti Oromiyaa cufa keessatti meeshaalee waraanaa gurguddoo qe’ee uummataa irratti dhukaasuun lubbuu fi qabeenya lammiilee nagaa barbadeessaa oola.
Muddee 29, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Roggee Qoolaatii keessatti waraanni sirnichaa meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka Moorteraa, ZU-23 fi Madfii ganama irraa kaasanii hanga galgalaatti uummatatti dhukaasuun nama Obbo Dirriboo Lammii jedhaman jalaa loon 5 fi hoolota 6 ajjeesuu maddeen ONM’tti himan.
Murni Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo dirree irratti isaan booji’aa oolu dadhabuun bakka inni hin jirretti jibbiinsa Oromummaaf qabaniif jecha uummata meesha maleeyyii meeshaa qabuun duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jiraachuun wal qabatee jiraattotatti yaaddoo ta’uus Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

