ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025
Qaamota garaa garaa hidhannoo meeshaa waraanaatiin teessoo impaayerattii raasaa jiran lolee of irraa qolachuu dadhabuun faallaa kanaa aangoo garee isaa uummata irratti agarsiisuun qe’ee isaaniitti saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa itti dulchisuun jiruu fi jireenya saba Oromoo barbadeessaa kan oolu faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun mana isaa irratti gubuu, hidhuu, ajjeesuu fi saamuun ilmaan Oromoo cufa jiruu gadadoof saaxilaa jira.
Guraandhala 5, 2025 goolessitoonni kunneen godina Gujii aanaa Qarcaa ganda Baddeesaaa Funyaan Qaawwaa jedhamu keessatti meeshaalee waraanaa kanneen akka ZU 23, Moorteraa fi Madfii uummata irratti dhukaasaniin nama maqaan isaa Elenaa Sheroo jedhamu jalaa horii 10 kan ajjeesan oggaa ta’u, kana malees manneen jiraattotaa gubanii akka mancaasan maddeen ONM’f eeran.
Meeshaalee waraanaa gurguddoo akka dirree lolaatti qe’ee uummataatti dhukaasuun lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo barbadeessaa kan oolu murni Bilxiginnaa yeroo garaa garaatti Oromiyaa bakkoota hedduutti dhukaasa akkanaan gaaga’amni ilma namaa irratti raawwachaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.
