ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Qaamota garaa garaa hidhannoo meeshaa waraanaatiin teessoo impaayerattii raasaa jiran lolee of irraa qolachuu dadhabuun faallaa kanaa gootummaa fi aangoo mootummaa isaa uummata irratti agarsiisuun qe’ee isaatti saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa itti dulchisuun jiruuf jireenya saba Oromoo barbadeessaa kan oolu faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun mana isaa irratti gubuun, hidhuu, ajjeesuu fi saamuun ilmaan Oromoo cufa jiruu gadadoof saaxilaa jira.
Aanaa Noonnoo keessatti hidhatoonni impaayerattii sodaa WBO irraa kan ka’e magaaloota keessa dhaabbachuun baadiyyoota keessatti meeshaa waraanaa gurguddaa dhukaasuun manneen hawaasaa gubuu fi loon hedduu uummata jalaa ajjeesanii jiraachuu maddeen gabaasan.
Dhukaasa meeshaa madfii yeroo:
- 14 dhuka’e keessaa 3 hojiin ala ta’uun lafa yoo bu’u,
- 11 immoo dhukaafamuun jirattoota ganda Galmaa Abboo keessatti miidhaa qaqqabsiiseen:
- loon 12 yoo ajjeesu
- 4 ammoo madeessuun beekamee jira.
Dhukaasa meeshaa kanaanis hidhattoonni sirnichaa WBO adamsina jedhanii sochii taasisan meeshama sirnichi hawaasa nagaa irratti dhukaasaa jiru kanaan kanneen ajjeefaman hedduu fi madoo jajjaboonis akka jiru ONM odeeffateera.

