ONM-ABO Muddee 17, 2024
Guyyaa dhufee darbuun dhiiga ilmaan Oromoo bineensa sooruu kan adeeffatan eegdonni bututtuu impaayerattii duguugiinsi wal irraa hin cinnee fi hojiin faashistummaa waraana PP’n raawwatu cimee itti fufee jira.
Waraaanni imphaayerattii lola Oromiyaa cufa keessatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon irratti geggeeffamaa oolu irraa hafuu dadhabuun faallaa kanaa qe’ee uummataatti gala galuun meeshaalee waraanaa diroonii dabalatee uummata irratti dhukaasuun guyyuu lubbuu Oromoota maraa balleessaa oola.
Haaluma kanaan lola guyyaa dheengaddaa jajjabeewwan Waraana Bilisummaa Oromoo Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti fudhachuun loltoota Bilxiginnaa ajjeessee gariin fayyaatti booji’ee gariin ammoo madeessuun gugsee ari’ee meeshaalee waraanaa garaa garaa irraa hiike rifachuun murni PP gandoota akka Gooroo Dhoqonuu fi Gooxii Maambaasaa keessatti diroonii fi waraana lafoon ajjeechaa jumlaa Muddee 15 fi 16, 2024 raawwachuun ibsameera.
Dubartii Shiibirree jedhamtu maatii ishee guutuu waliin dirooniin mana keessatti kan guban ogguu ta’u, namni maqaan isaa Xibabaa Katamaa jedhamus balaa sanaan lubbuun darbuu maddeen himan.
Kana malees namoota shan kan maqaan isaanii adda hin baane bakka tokkotti waraanni lafoon ajjeesuu maddeen dabaluun ONM’tti ibsaniiru.

