Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti guyyaa har’aa waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee 4 harkaan qabe

ONM-ABO Muddee 22, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Sarbaa Adii jedhamu keessatti har’a Muddee 22 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis humna diinaa irraa 9 ajjeesuun 7 madeessee 4 jiraa booji’ee jira. Dabalataanis qawwee AKM 6, galaa waraanaa, kophee fi uffata irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

#DuulaCihcoominaKaayyoo

Itti Cabsii!

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version