ONM-ABO Muddee 22, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diina du’aa fi madoon adabe.
Kaleessa Muddee 21, 2024 waraana goolessituu impayeera Itoophiyaa aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Mana Baabsaa jedhamu buufatte jirtu WBOn humni waloo Birgeedii Risaa Laga Mogor fi Murtii Guutoo irraa walitti dhufuun tarkaanfii laleessaa fudhateen humna dinaa irraa 21 ajjeessuun 12 madoo hin dandammii hin qabneen adabeera.
Tarkaanfii kanaanis Isnaayippera 1, AKM 8 fi jorooroo bireenaa 3 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Itti Cabsii!
Injifannoo Uummata Oromoof ❗️

