ONM-ABO Adoolessa 14, 2024
Uummanni Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti haamileen isaa cabaa kan jiru ta’us paartiin badhaadhinaa maqaa uummata Oromootiin aangoo gubbaa irraa hololu, dhaadannoo isaa impaayerattii suphuu godhachuun uummata Oromoo lafee cabsuu fi dhiiga isaanii dhangalaasuun cinaatti saamicha Oromoo irratti jabeessee jira.
Lolli waggoota ja’aaf Oromiyaa keessatti murna gara jabeessa bilxiginnaan adeemaa jiru namoota nagaa hedduu kan galaafate yoo ta’u, namoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisee jira.
Uummata Oromoo irratti saamichi adeemaa jiru hammaachuun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Keerootti loon hedduun waraanaa PP’n saamamaa jiraachuu jiraattotni himatu.
Adooleessa 12, 2024 ganda Keerootti loon hedduu saamame keessaa kan Obbo Dassuu Tafarraa loon shanii fi kan Obbo Bulloo Magarsaa ammoo torban darban keessa loon 25 waraana faashistii PP’n saamamuun ifoomeera.
Yeroo itti murni bilxiginnaa miidiyaan ba’ee uummataaf lolaa jirra jedhutti uummanni loltoota sirnichaan loon isaa saamamuu, manni isaa gubachuu, tajaajilli ibsaa fi manneen yaalaa adda addaa waraana faashistii PP’n cufamuun hawaasni miidhaa ulfaataa keessummeessaa akka jirus beekameera.

