Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii keessatti saamichi horii fi gubaatiin manneenii waraana maafiyaa PP’n raawwatame 

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Uummanni Oromoo dachee isaa Oromiyaa irratti sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamaa ta’ee, hoogganni  faashistiin koloneel Abiy Ahimed loltoota itti bobbaasee saamuu, hidhuu, reebuu, manneen jiraattota nagaa gubuu eegaluun isaa kan bubbule ogguu ta’u, gareen shiftoota sirnichaa garuu kufaatii sirnichaa fi fudhatama dhabuu isaa hubachuu dadhabuun hoggaayyuu uummata irraan miidhaa qaqqabsiisuu tooftaa waraanaa taasifatanii jiru.

Waxabajjii 19, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Gaalaa Moolichaa keessatti waraanni faashistii PP horii hawaasaa 67 saamuun manneen hawaasaa sadii gubuun barbadeessee jira.

Maqaan nama manni jalaa gubachuun saamichi irratti ta’ees Obbo Taaddalaa Jaamboo mana 3, midhaan gombisaa  3 waliin yoo guban ganduma kanaa bakka addaa Bonjaa jedhamuu ammoo sangaa Obbo Magarsaa Nagaasaa jalaa qalatanii nyaachuun beekameera.

Ganduma Gaalaa Moolichaa iddoo addaa Muxichaatti Obbo Hawaasoo Naannessaa jalaa loon 15, Obbo Araruu Birbirsaa jalaa re’ee 17 fudhachuun shan achumatti yoo qalatan Gaangee 1 ooffatan, Obbo Buloo Magarsaa jalaa ammoo horii 28 fi Harree 5 ooffachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version