ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Adeemsa uummata Oromoo gadadootti hambisuu qabatanii socho’aa kan jiran waraanni garee maafi’aa PP Oromiyaa golee cufa keessatti ajjeechaa, hidhaa fi gubaatii raawwachuun ilmaan Oromoo manaaf qabeenyaa malee hambisuun gidiraa hamaa irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Sadaasa 12, 2023 kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Galaa Mootichaa iddoo addaa Qeerranttii jedhamutti waraanni gooleessaan PP manneen qonnaan bultootaa gubuun barbaadeessaniiru.
Namoonni manneen isaanii hidhattoota kanaan jalaa gubachuun barbaada’e maqaan isaanii Taaddalaa Jiisaa, Illikuu Jiisaa fi abbaa isaanii Jiisaa Boonsaa jedhamu mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii kan barbaadeessan yoo ta’u obbo Boonsaa Ixaanaa jalaa ammoo qabeenyaa isaa guutummaatti gubanii barbaadeessuun gariin ammoo saamanii deemuu dubbatu.
Namoonni manni isaanii jalaa barbadaa’ee, qabeenyi isaanii guutummaatti gubatee fi saamame kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan malee namoota siyaasa keessaa harka hin qabne ta’uu jiraattotni ollaa isaanii miira aariin ni dubbatu.

