Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP aanaa Sooddoo Daaccii keessatti manneen qonnaan bultootaa guban

ONM-ABO Amajjii 10, 2024

Kaleessa Amajjii 9, 2023 aanota magaalaa Shaggarii fi aanaa Sooddoo Daaccii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed maqaa sakattaa WBOtiin bobba’uun uummata nagaa goolaa turan.

Guyyuma kana godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Gaalaa Moollichaa keessaa manneen uummata nagaa hedduu badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhuun gubanii jiru.

Namoota manneen jalaa gubate keessaa kan maqaa arganne obbo Warquu Idoo mana lama, midhaanii fi qabeenya mana keessa jiru hunda waliin, obbo Lammaa Baqqalaa mana lama qabeenya waliin, obbo Saxxoo Haayiluu, obbo Illoo Baacaa fi Taaddee Gonjobaati.

Waraanni faashistii PP tarkaanfii jajjabduu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Finfinnee naannessee fudhachaa jiru irraan raafama keessa kan gale, namoota nagaa haaloo ba’uun gochoota sukkanneessaa irratti fudhachaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version