Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa fi Sooddoo Daaccii keessatti gubateen manneen namoota nagaa irratti hidhattoota sirnichaan guyyaa kaleessaa raawwachuun dhaga’aame

ONM-ABO Mudde 9, 2023

Murni badiin ilmaan Oromoo hiyyummaatti hambisuuf karoorfatee hojjachaa jiru bilxiginnaan maqaa uummata Oromoof dhaabbanna jedhu of dura qabuun uummata Oromoo manneeniif mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin irratti gubee barbadeessaa jira.

Taateewwan erga mariin araaraa fashalee as uummata Oromoo irratti golee hunda keessatti raawwachaa jiru kan  daraan uummaticha lafa irraa duguuguuf bifa haaraan eegalan yoo ta’u manneen qonnaan bultoota hedduus gubachuun maatii hedduun jiruu bakkeef saaxilamanii jiru.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa fi Sooddoo Daaccii keessatti guyyaa kaleessaa manneen qonnaan bultoota hedduu gubachuun barbaa’uu jiraattotaaf maddeen irraa ONM qulqulleeffateera.

Aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Ilaaloo Waaqoo keessatti guyyaa kaleessaa Muddee 7, 2023 hidhattootni kolonel Abiy Ahimediin gandichatti baayinaan bobbaafaman manneen qonnaan bultoota hedduu mi’a mana keessaa dabalatee tokkollee osoo hin hambisin gubanii barbaadeessanii jiru.

Qonnaan bultootni manni isaanii jalaa gubate kunneenis Obbo Ida’aa Gadaa,Obbo Buzunaa Ida’aa, Obbo Balaay Ida’aa maatii tokkoo, Wandasan Moollaa, Obbo Zarfuu Afta Maariyaam, obboo Kaasaa Hayiluu, obbo Urgeessaa Ida’aa fi Obbo Sammuu Tulluu kanneen jedhaman jalaa hanga gabaasni kun nu qaqqabeetti kan jalaa gubanii barbaadeessan yoo ta’u, manneen gubatan hedduu ta’uu fi akkuma maqaa namoota manni isaanii jalaa gubate arganneen kan isiniif dhiheessinu ta’a.

Godinichuma aanaa Sooddoo Daaccii ganda Maaramii Siree keessatti guyyuma kaleessaa kana qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobbaa’uun jiraatan jalaa maqaa waraana bilisummaa Oromoon yakkuun mana namoota lamaa gubanii kan barbadeessan yoo ta’u manneen gubatanis kan obboo Bulloo yoo ta’u maqaa abbaa ammaaf argachuu kan hin dandeenyee ta’uu fi manni tokkos gubatee jiraachuu fi maqaan kan nun qaqqabne ta’uunis barameera.

Exit mobile version