Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaa fi Sooddoo Daaccii keessatti murni faashistii PP uummata jumlaan hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 13, 2024 

Ummata nagaa gidirsuu hojii idilee isaa kan godhate murni faashistiin PP dararaan isaan humna waraanaatti fayyadamuun uummata nagaa irratti raawwachuu akkuma itti fufetti jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa gandoota adda addaa keessaa Sadaasa 12, 2024 gareen leelliftuu sirna durii PP’n, waraana isaa itti bobbaasuun ,maqaa waraana bilisummaa Oromoo wajjiin hidhata qabdu jedhuun uummata nagaa jumlaan hidhaanii dararaa  jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

Jiraatota haala kanaan hidhamanii jiran keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabee jiru:

  1. Milkeessaa Gabbisaa,
  2. Bayyanaa Gabree,
  3. Gammachuu Tasfaayee,
  4. Dajanee Ittichaa,
  5. Tafarraa Naanneessaa,
  6. Iluu Naggasaa,
  7. Tolaa Margaa fi 
  8. Girmaa Kabbadaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen keenya ONM’f ibsaniiru.

Ittuma fufuun godinuma Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Waffee keessatti Sadaasa 11, 2024 jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Darsuu jedhamu WBO waliin hidhata qabda jechuun gocha inni hin hojjenne itti maxxansuun qabanii mooraa magaalaa Tarree jedhamutti geessuun dararaa jiraachuu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

Akka  jiraatoonni himanitti, Obbo Darsuu kanaan duras ilma isaa Taliilaa Darsuu jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawwatanii qe’ee irraa godaansiisuun akka midhaan hin haammanne taasisanii midhaan isaa roobni balleessuun aarii sanaan of ajjeesee jiraachuu ragaa ba’aniiru.

Exit mobile version