ONM ABO Sadaas 25, 2023
Uummata Oromoo hidhaa fi ajjeechaan akka waan jiilchuutti kan amanan hidhattootni garee maafi’aa PP namoota nagaa siyaasa irra bilisa ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii hojjachuun jiraatan sobanii maqaa waraana bilisummaa Oromoo itti maxxansuun hidhaatti guuranii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gidirsaa jiru.
Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Tummee Daalatti fi Boxxolee keessaa namoota nagaa jiru idilee isaanii geggeefatan qabanii hidhuu fi reebichaan dararaa jiraachuu jiraattonni himu. Ganda Tummee Daalattii keessaa namoonni dheenggadda gaafa sadaasa 23, 2023 balleessaa isaanii malee hidhattoota sirnichaan hidhamanii dararamaa jiran maqaan isaanii Birhaanuu Tsaggaayee, Shimakkit Tsaggaayee fi Abushee Kushaa jedhaman qe’ee isaaniitii balleessaa tokko malee qabanii deemun magaalaa aanichaa Lemmanitti dararaa jiru jedhu jiraattotni.
Akkasuma ganda Boxxolee Gijilee keessaa nama maqaan isaa Boxxolee Gidilee jedhamu torban lamaan dura qabanii mana keessaa fuudhanii deemun yeroo ammaas bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu fi maatiinis barbaadaa akka jiran jiraattotni ONMtti himan.

