Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti goolessitoonni sirnichaa saamicha horii uummataa irratti geggeessuun manneenis gubuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Waxabajjii 23, 2025 saamtonni sirnichaa aanaa Qarsaa Maallimaa buufata waraanaa PP Adaadii irraa gara aanaa Toleetti duuluun gandoota aanichaa garaa garaatti saamicha horii uummataa irratti raawwachuun mana jiraattotaa akka gubanii fi hawwannis qabanii akka deeman jiraattonni ONM’tti himan.

Akkaatuma kanaan aanaa Tolee ganda Dhukaat keessaa:

  1. Obbo Maammoo Deessisaa jalaa re’oota 15, 
  2. Obbo Baalchaa Reebaa jalaa hoolota 12, re’oota 15 fi Sangaa 1, 
  3. Obbo Abarraa Urgeessaa jalaa mana jireenyaa tokko gubuun midhaan kuntaala 3 fi re’oota 5 jalaa kan fudhatan oggaa ta’u,
  4. Obbo Tarreessaa Urgeessaa jalaa ammoo harroota 2 fudhachuun, 

onichuma ganda Qocee Maaramii keessaa ammoo:

  1. Obbo Taarikuu Guduree jalaa mi’a mana keessaa guutuu cacabsuun sangaa qonnaa tokko 

jalaa fudhatanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees ganda Tummee Yaayyaa keessaa ammoo:

  1. Obbo Sanyii Mul’ataa jalaa qotiyyoo 1,
  2. Obbo Abdii Bululaa jalaas qotiyyoo tokko ooffachuunii fi haawwan maqaan isaanii:
  3. Aadde Jiituu Dhaabaa, 
  4. Aadde Adaanee Abbooshaa fi 
  5. Aadde Ayeetuu Caasaa 

kanneen jedhaman ammoo qabanii kan deemanii jiru. Aadde Jiituu Dhaabaa jalaa horii lama yoo ooffatan hawwan qabamanis namoota umriin isaanii 50 ol yoo ta’u, yakka tokko malee maatii isaanii irraa qabuun aanaa Qarsaa Maallimaa buufata waraanaa Adaadiitti akka hidhanamanii jiran jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version