Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Toleetti miidhaalee gurguddaan waraana garboomfataa PP’n rawwaatamu jabaachuun ibsame 

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Tummee Yaayyaatti torban darbe waraanni maafiyaan PP qe’ee qonnaan bultootaatti bobbaafamanii hawaasa hojii ijaarsa manneenii irra jiran irratti reebicha raawwachuun saamicha qabeenyaa geggeessuun dhaga’ame.

Namoonni saamichaa fi reebichi irratti raawwate kunneen maanguddoota umuriin isaanii deeme oggaa ta’an, kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Baacaa Itichaa nama ganna 80,
  2. Obbo Caalaa Hoorsaa nama ganna 75,
  3. Obbo Goobanaa Guutamaa nama ganna 70,
  4. Obbo Lammeechaa  Caakkaa nama ganna 60 fi 
  5. Obbo Milkeessaa Miidhagsaa  nama ganna 65  bakka isaan hojii ijaarsaa irra jiraniitti itti dhaquun 

meeshaalee ijaarsaa dabalatee guutummaatti saamuun reebicha qaama laalessu irratti akka raawwatan himaniiru.

Oduu saamichaa fi gubaatiin ammoo Ebla 28, 2025: 

  1. Obbo Shibbiruu Shorgaanaa jalaa mana jireenyaa tokko gubuun midhaan gosa addaa addaa ardaba 60 fi re’oota 10 jalaa kan offatan yoo ta’u,  
  2. jiraattuu ganda Allaaduu Shonkoraa Aadde Zannabuu Addunyaa jalaa mana 1 fi midhaan gosa addaa addaa ardaba 60 akkasumas 
  3. Obbo Zambaabaa Magarsaa jalaa mana tokko gubuun horii gaanfaa 8 jalaa ooffachuun beekameera.
Exit mobile version