Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddootti waraanni maafiyaan PP saamicha, hidhaa fi gubaatii manneenii raawwachaa jiran hammeessuun ifoome

ONM-ABO Caamsaa 4, 2025 

Aanaa Sadeen Sooddoo ganda Algaa Wasarbiitti waraanni maafiyaan PP Ebla 30, 2025 meeshaalee mana keessaa jiraattota jalaa saamuun akka deeman kan himamu yoo ta’u; namoota jalaa saamame keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Obbo Barii Taarraqaa fi
  2. Obbo Tasfaayee Taammanaa akka ta’e jiraattonni himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo haadha umuriin ishee ganna 50 taatu kan maqaan ishee Aadde Angaatuu Garbii jedhamtu torban tokko dura waraanni maafiyaan PP osoo isheen gabaa aanaa bulchiinsa magaalaa Culullee irraa gara qe’ee isheetti galaa jirtuu miseensa waraanaa keenya kan mana kee keessa dhokate WBO’f eeruu laattee ajjeesiste jechuun qabanii hidhuun miidhaa adda addaa irratti raawwachaa akka jiran addeeffameera.

Gubaatii manneeniin ammoo:

  1. Obbo Milkeessaa Ifee jalaa mana 1 qabeenya guutuu waliin,
  2. Obbo Taaffasaa Shifarraa jalaa mana 1,
  3. Obbo Tasfaayee Taammanaa jalaa mana 1 gubuun, 

ganduma sana keessaas nama maqaan isaa: 

  1. Boqonnuu Garramuu jedhamu ooyiruu isaa irraa baatii 6 dura qabuun kan hidhan yoo ta’u,  
  2. Waamii Geetachoo nama ganna 30 ammoo butuun dhabamsiisuun ifoomeera.
Exit mobile version