Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni maafiyaan PP manneen qonnaan bultootaa lama gubuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa bakka addaa Waraaboo jedhamu keessaa loltoonni faashistii PP mana qonnaan bultoota Oromoo kanneen maqaan isaanii: 

  1. Obbo Bariisoo Badhasoo fi 
  2. Obbo Fitaalaa Jimmaa jedhaman 

Bitootessa 3, 2025 yakka tokko malee ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Maatiin manneen isaanii jalaa gubate kunneen qabeenyaa tokkollee keessaa kan hin baafanne oggaa ta’an, daa’imman aduu saafaa keessa beelaa fi dheebuun dararamaa jiraachuus itti dabaluun himuun akka waliigalaatti rakkoolee murni PP hawaasa irratti raawwachaa jiru haalaan yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru. 

Sirna dhablummaan waraanni faashistii PP Oromiyaa keessatti taasisaa jiru qe’ee uummataa barbadeessuun haawwanii fi daa’imman godaansaaf saaxilee yeroo jirutti, murni badiin Bilxiginnaa kun icciitii hammeenyummaa isaa dhoksee ilaalcha gaarii akka waan hawaasaaf qabuutti miidiyaalee of harkaa qabuun holola hafarsaa akka jirus eeraniiru.

Exit mobile version