ONM-ABO Ebla 1, 2024
Hammeenyii fi gara jabeenyi sirnichi ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiru daran hammaachuun godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessatti hidhattoota PP maqaa sakatta’insa WBO’n gandichatti bobbaafamaniin manneen qonnaan bultootaa gubachuun saamichii fi reebichi uummata nagaa irratti raawwatame.
Bitootessa 30, 2024 Obbo Fitaalaa Bochee jalaa mana Jireenyaa lama mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubuun yoo barbadeessan, aadde Qanxuu Kushuu jalaa ammoo faayaa mormaa dabalatee mi’a mana keessaa yoo jalaa saaman.
Jaarsa ganna 70 kan maqaan isaa Bochee Hayyee jedhamu ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwataniin hedduu miidhamee du’aa fi jireenya gidduutti argama.
Obbo Tolaa Shaashii jalaa doqdoqqee 1 yoo guban, achuma magaalaa Olonkomii jedhamtu keessaa ammoo dukkaanota namootaa saamuus jiraattotni ibsaniiru.
Tibbuma kana qofa keessa ilaalcha WBO qabduun namoonni lakkoofsaan hedduu ta’an haala suukkanneessaan ajjeefamuu bira darbee manni isaanii irratti gubachuun maatii hedduun bakkeetti faca’anii jiraachuu jiraattonni aanichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

