Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti manneen qonnaan bultootaa hidhattoota sirnichaan gubachuun barbaadaa’e

ONM-ABO Bitootessa 25, 2024

Ilaalcha uummata Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjechaa kan jiran hidhattootni garee maafi’aa PP yeroo ammaa Oromiyaa keessatti haala suukkanneessaan namoota siyaasa irraa bilisa ta’an ajjeesuu bira darbee manneen isaanii mi’oota mana keessa jiru dabalatee gubuun akka isaan jiruu baqaaf saaxilaman gochaa jiru.

Bitootessa 23, 2024 godina baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Birbirsa Guddaa Saboolee jedhamu keessatti loltootni mancaatiif bobbaafaman kunneen manneen qonnaan bultoota sadii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis maqaan isaanii Ifaa Biranuu, Qachaa Ayyaanoo fi Iftahuu Korbuu kanneen jedhamaniidha.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubatee kunneen qonnaan bulaa yoo ta’an hojii qonnaa hojjetaniin ofii fi maatii isaanii kan jiraachisan fi namoota siyaasa hin beekne ta’uus himu.

Akkasumas namoonni kunneen namoota umuriin deeman yoo ta’an sababa tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhamuun akka jalaa gubates dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version