Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti manneen qonnaan bultootaa waraana sirnichaan gubate

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Sirni badii Bilxiginnaa uummata Oromoo gadadoon dha’uuf hojjechaa jiru Oromiyaa golee mara keessatti manneen hawaasaa irratti gubuu dabalatee ajjeechaa jumlaa irratti raawwatuun uummanni yaaddoo nageenyaa hamaa keessatti kufee akka jiru ni beekama.

Ergamtoonni akkuma harree waan itti fe’an baatanii deemuun hawaasuma keessaa dhalatanii fi ollaa tokkotti buna waliin dhugaa turan gaafa aangoon itti kennamtu harkuma irraa nyaatanitti deebi’anii  nyaatan kun Adoolessa 9-10, 2024 guyyaa lama gidduutti Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee iddoo addaa Korboo jedhamuun beekamutti manneen hawaasaa mi’a mana keessaa waliin jalaa gubuun barbadeessaniiru.

Namoota maqaan isaanii Gannaa Nikkaa, Galaasoo Kaawoo, Gammadaa Wayichaa  fi Tololee Siiquu jedhaman jalaa manneen isaanii mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbadeessuun maatii bakkeetti facaasanii jiraachuus himan.

 Walii galatti uummanni gandichaa harki caalu manneenii fi qabeenyaa isaaniin ala ta’uun gandicha irraa godaanaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version