ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Caasaan saamicha, ajjeechaa, hidhaa, gubaatii manneenii fi qabeenyaa uummataa irratti raawwachaa jiru bilxiginnaan, erga barcuma aangoo impaayerattii yaabee jalqabee jireenya egeree ummatichaa hongeessaa jira.
Haaluma kanaan murni jireenya uummata hiyyeessaaf naatoo tokkollee hin qabne kun Fulbaana 25, 2024 Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Oolancitii keessatti caasaa isaa dhiheenya kana saamichaaf tolfatee bobbaase waliin marii gaggeessuun, uummata qaala’iinsa jireenyaafuu akka itti jiraatu wallaalee jiru, maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun mana manatti qarshii kuma shan shan kaffalaa jechuun dirqisiisaa jiraachuu maddeen keenya magaalichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Bifuma kanaan namoota kaffaltii dirqamaan itti laatame kana rakkina jireenya isaaniif kaffaluu dadhabanis reebicha irratti raawwachuun mana hidhaatti guuraa jiraachuus maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.
Gochaan gara jabummaan uummata nagaa irratti murna PP kanaan aanaa Boosat gandoota hedduu keessatti hojjetamaa jiru daran hammaatee jiraachuun qabeenya akka midhaanii fi manneen uummataas iddoowwan baay’eetti gubataa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

