ONM-ABO Ebla 16, 2025
Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota akka Saaraa Aaraddaa fi Qacaacullee Gujaa keessatti Ebla 14, 2025 ergamtootni Bilxiginnaa jireenya ilmaan Oromoo mancaasuu adeeffatan uummata ofiifuu qaala’iisi jireenyaa itti cimee jiru maqaa waajjira gandaa deebistanii ijaaruu qabdu jedhuun tokkoon tokkoon namootaan qarshii 1000 kaffaluu qabdu jechuun qonnaan bultoota goolaa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.
Kana malees dararaan murna balfamaa kun uummata irratti jabaachuun hawaasa harka qalleessa ofii isaayyuu waan nyaatee bulu hin qabneen gatii nyaata milishaa jechuun nama tokko irraaa xaafii kiilogiraama 50 funaanaa jiraachuu jiraattonni sodaa nageenya isaaniif akka maqaan isaanii dha’amu hin feene Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jaleewwan murna PP adda durummaan goolessitoota waraana sirnichaa uummatatti bobbaasuun gidirsaa jiran kanneen maqaan isaanii, bulchaa ganda Qacaacullee Gujaa kan ta’e Kifilee Nadhaasaa fi bulchaa ganda Saaraa kan ta’e Jaamboo ta’uu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

