Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti murni bilxiginnaa uummata nagaa reebuu, saamuu fi hidhuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti gaafa Muddee 27, 2025 irraa eegalee waraanni murna Bilxiginnaa uummata nagaa reebuu, walitti qabanii saamuu fi kaan immoo hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akkaatuma kanaan hidhattoonnii fi kaabinoonni Bilxiginnaa wal ta’uun uummata nagaa ganama ganama mana irra deemuun ganda Saaraaf Araddaa bakkeewwan akka Yaayyaa, Osolee, Fooqii, magaalaa Bofaa, Dhokachoo fi bakkeewwan biroo irraa marsuun uummata qaala’iinsi jireenyaa itti ulfaatee jiru akka hin beelofneef qusannoon waan qabu itti fayyadamaa akka jiran jiraattonni ganda kanneenii ni himu.

Haalli jireenya uummataa osoo kanaan jiruu murni saalfii fi safuu uummata Oromoo hin kabajne hoomaa waraanaa sirna dhabaa fi naamusa maleeyyiin maqaa gibira jedhuun uummata humnaa ol saamaa kan turan ammas fidaa ittiin jechuun maallaqa waliin isaa hin beekamne gaafatanii akka irraa fuudhaa jiran jiraattonni himanii, guyyaa kaleessaarraa eegaluun jiraattota magaalaa bofaa tokko tokkoon namootaa irraa qarshii kuma tokko tokkoo fi midhaan boqqolloo kiiloo 30 dirqamaan irraa fuudhuun yoo kana hin laanne immoo mana hidhaatti darbachaa akka jiran keessa beektonni eeranii gocha kanas adda durummaan raawwachiisaa kan jiru kantiibaan magaalaa bofaa fi milishoota sirnichaa kanneen akka Abdurroo fi Asaffaa Basha’aa ta’uu isaanii jiraattonni eeraniiru. Ganda kana keessatti qeerroo fi qarree kaabinoonni Bilxiginnaa oliif gad daddarbachuun fayyummaa isaanii’ medical examination’ osoo hin taasisin gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa akka jiran namoonni achi keessaa badanii ba’an ni himu.

Haaluma wal fakkaatuun ganda Nuuraa Alaagaa bakka addaa Haasee fi kanneen biroo keessatti kaabineen Bilxiginnaa gara jabummaan guutame uummata gandichatti waamuun midhaan gosa adda addaa kiiloo 30 irraa guuraa akka jiranii fi Isin WBO deggertu ittiin jechuun waan uummatichi hin qabne itti maxxansuun reebaa akka jiran jiraattonni himanii, keessaayyuu maanguddoo maqaan isaanii Obbo Ibraahim Dilbatoo umrii 67 kan ta’an bakka addaa Sakiinaarraa WBO deggertu ittiin jechuun waan sobaa irra tuulanii  kaabineen Bilxiginnaa Usmaan Galatee bulchiinsaa fi nageenya akkasumas Jamaal Faqoo bulchaa gandichaa akka malee jaarsa kana reebsisuun qabanii Alaagaa bakka qubsuma hidhattootaatti hidhuu isaanii jiraattonni ifoomsaniiru.

Exit mobile version