ONM-ABO Amajjii 2, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti Muddee 31, 2025 murni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu, reebuu fi qabeenya isaanii saboota biraa saamsisuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Akkatuma kanaan ganda Nuuraa Alaagaa bakka addaa Haasee fi Alaagaa jedhamanitti hidhattoonnii fi kaabinoonni Bilxiginnaa tarkaanfii WBO’n saamtota Bilxiginnaa irratti fudhate hordofee namoota nagaa waa’ee siyaasaa quba hin qabnee fi jireenya dhuunfaa isaanii guyyaarraa geggeeffatan jaarsaa fi jaartii osoo hin hambisin guyyaa har’aa hidhaatti darbatanii kan jiran ammatti maqaa isaanii kan arganne:
1. Aadde Buujjuu Gandoo,
2. Hurbee Kataboo,
3. Aadde Dammilee Nuuroo haadha warraa Hurbee kan taate fi
4. Ahimad Galatee kanneen jedhaman sababa tokko malee “Isintu WBO deggeree nu ficcisiisaa jira” ittiin jechuun barjaa sobaa itti maxxansuun qe’ee isaaniirraa qabanii mana hidhaatti darbatanii dararaa akka jiran jiraattonni gandichaa ONM’f addeessaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun ganduma kanatti maqaan isaa Guutoo Adam Baalchaa jedhamu hidhattoonni Bilxiginnaa dhala namaaf naasuu hin qabne sababa tokko malee ati madoo keenya maaliif hin kaastu ittiin jechuun dirqama isaa waan hin taane sababa taasisuun mataa isaa irra akka malee tumuun yaala akka hin arganneef illee hidhanii kan jiran yoo ta’u, Obbo Abdallaa Tunii ganda Siifaa battee bakka addaa Golbootti gara jabeeyyiin hidhattoota PP kun akka malee reebuun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu isaa maddeen naannoo saniis ifoomsaniiru.
Oduu biraatiin immoo murni Bilxiginnaa uummata Oromoo daangaa saba bicuu Argobbaan wal daangessu ganda Nuuraa Heeraa bakka addaa Mootoma, Shantamii Shan, Gaara Diimaa fi Gaara Daalacha kanneen jedhamanitti Daandii Itiyoo- jibuutiin gama kallattii Kaabaan jiran Bilxiginnaan uummata Oromoo meesha maleeyyii ta’an saba Argobbaa gandoota kanneen akka Lulee, Qonyee, Haroo Arbaa, Gaallee fi kanneen biroo keessa jiraatan hidhachiisuun akka horiin keenya saamamu taasisaa jira jechuun jiraattonni gandichaa ibsaniiru.

