ONM-ABO Muddee 6, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Nuuraa Heeraa keessatti Muddee 5, 2025 hidhattoonni dhaabbata Aapper Awaashii fi murni Bilxiginnaa wal ta’uun uummata nagaa dararuu fi hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Hidhattoonni dhaabbata Aapper Awaash Agro industirii MEDROC jedhamuun beekamu akka impaayerattiitti abbaa qabeenyaa nama dhuunfaa Sheek Allaamuddiin kan ta’e lafa gabbataa fi jal’isii mijataa hektaara hedduu ilmaan Oromoo qotachuun irra jiraataa turan dhaabbanni kun guutummaatti laficha dhuunfachuun bulchiinsa abbaa irreen wal ta’uun uummata buqqaasaa kan turee fi ammas itti fufee jiruun uummata ari’uun oomisha kuduraa fi muduraa garaagaraa laficha irratti oomishaa akka jiru jiraattonni gandichaa ONM’f eeraniiru.
Akkaatuma kanaan guyyaa olitti eerame ganama irraa jalqabee hanga oduun kun qinda’etti ganda Nuuraa Heeraa magaalaa Boolee bakka addaa buufata 4ffaa keessatti osoo dhaabbanni kun hidhattootaa fi waardiyyaa eegan bakka qabutti “isintu dhaabbata kanatti seenee biqiltuu hundee 200 balleesse” ittiin jechuun uummata nagaa bakka hojii fi mana isaanii jiran hidhattoonnii fi kaabineen Bilxiginnaa hidhattoota dhaabbatichaa waliin ta’uun sababa tokko malee namoota hedduu qabanii magaalaa Booleetti hidhanii kan jiran yoo ta’u, kaan immoo doorsisa kanaan qe’ee fi hojii dhiisanii baqachaa akka jiran jiraattonni kun addeessaniiru
ONM haala kana addaan baafachuuf jiraataa gandichaa kan ta’e maqaa isaa kaasuu kan hin feene akka jedhetti uummanni gandichaa guutuun biqiltuu kana hin buqqisne, garuu yeroo ammaa maqaa ni buqqistan jedhuun reeban, ari’aa fi hidha jiraachuu himuun ofii akka harka jalaa miliqe ibse.
Kana malees ganduma kanatti murni Bilxiginnaa waqtii kuduraa fi muduraa dhaabuuf karoorfatee jirutti dhorkamuun akka isaan midhaan fedhaa fi karoora isaanii hin taane qamadii dirqamaan akka facaasan gochaa akka jiran eeraniiru.

