ONM-ABO Muddee 26, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti hidhattoonni fi kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa inshuraansii fayyaatiin uummata nagaa saamuu akkasumas qeerroo fi qarree dirqamaan mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Murni Bilxiginnaa kan ilmaan Oromoo lubbuun dachee isaarra jiraachuu hin feene ganda saaraaf araddaa keessatti hidhattoonni bilxiginnaa kaabinee fi jala deemtota isaaniin wal ta’uun maqaa inshuraansii fayyaa wabeeffachuun qarshii 960 kan waraqaarratti maqaaf barreeffatanii turanii fi uummanni itti tajaajilamaa hin jirre guyyaa har’aa mana isaaniitti duuluun dirqamaan qarshii 4500 irraa guuraa akka oolan jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru. Namoota harka qalleeyyii hedduu ammatti maqaa isaanii arganne keessaa muraasni:
- Aadde Warqii Kormee _ operation taatee kan turtee fi ulfa,
- Obbo Birbirsaa Girmaa _ hojii humnaa hojjechuuun maatii 8 kan guddisuu fi
- Obbo Nagaashuu Eroo
kanneen jedhaman kaffaltii duraan kaffalan irratti tokko tokkoo isaanii irraa qarshii 4500 dirqiin akka irraa fuudhan jiraattonni naannoo sanii ONM’f himaniiru.
Ittuma fufuun guyyaa dheengaddaa irraa eegaluun qeerroo fi qarree akkasumas shamarranii fi dargaggoo bultii ijaarrachuuf wal kaadhimanii jiran osoo hin hambisin biyyi nagaa hin qabdu waan taateef booda wal fuutu ittiin jechuun baay’ee isaanii dirqamaan qabuun gara magaalaa Bosaatti geessuun walitti guuraa kan jiran yoo ta’u, kaan immoo suura kaasuun akka magaalaa Bofaatti dhuftan ittiin jechuun yoo dhufuu baattan immoo deebinee isin fixna jedhanii itti dhaadachuun biraa kan deeman ta’uu keessa beektonni addeessaniiru. Namoota hedduu guuraman keessaa muraasni isaanii:
1. Warquu Badhaadhaa,
2. Badhaadhaa Coofoo,
3. Tolaa Dilboo,
4. Qulfii Boruu qarree kan taatee fi ganda saaraaf araddaarraa kan fuudhaman yoo ta’u,
1. Malkaa Gadaa,
2. Miidhaksaa Damee,
3. Alamuu Baqqalaa umrii 12,
4. Nagawoo Ejersaa,
5. Badhaasoo Diimaa,
6. Araarsaa Caaccuu,
7. Bayyanaa Laggasaa,
8. Biruukee Tonkoluu kanneen ganda Gujaa fi Qacaacullee irraa qabaman yoo ta’u kanneen armaan gadii
1. Taakkalaa Lammaa,
2. Ashannuu Baabsaa,
3. Damisee Lammii,
4. Badhaadhaa Goobanaa,
5. Dhaabaa Dhugoo,
6. Abbaatuu Gaaddisaa,
7. Gammachuu Dinquu,
8. Gammachuu Xaasoo,
9. Caaltuu Urgoo kaadhimamtee kan jirtu,
10. Korree Magarsaa,
11. Buskutee Lammii,
13. Sukkaaree Xaasoo fi
kanneen hafan biroo immoo hidhattoonni suura kaasuun akka isaanitti dhaqan sodaachisanii deemanii dha.

